Tajaajiloota kenninu
- Galmeessaa waliigaltee gurgurtaa ykn kennaa hojjachuu
- Galmeessaa waliigaltee kiraa hojjachuu
- Galmeessaa waliigaltee waliin hojjachuu
- Galmeessaa walii galtee gahee gadi lakkisuu hojjachuu
- Waliigaltee fooyya’e ykn diigame mirkaneessuu
- Aangoo Ragaa bakka bu’ummaa kennuu, Aangoo bakka bu’ummaa kaasuu ykn deebisuu
- Galmeessa waldaalee daldalaa, Mirkaneessa qaboo yaa’ii waldaa daldalaa raawwachuu,
- Sanadoota duraan kennaman mirkaneessuu (bakka sanadni duraan galmaa’ee ragaan isaa jirutti), Koppii sanadoota adda addaa mirkaneesuu (orijinaala waliin walbira qabuun mirkaneesuu),
- Sanadoota badan mirkaneessuu (iddoo sanadni duraan galmaa’ee jiru) Mirkaneessa seera qabeessummaa turjumaanaa,
- Kennaa Hayyamaa Waldalee Hawwasa sivilii ulaagaa guutanii akka naannotii hojataniif kennuu,
- Dhaabbilee Hawaasaa Siviilii Federaalaa irraa hayyama fudhatanii naannicha keessatti hojjatan to’achuu; qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuu
- Hojiiwwan mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa qaamolee birootiif seeraan hin kennamne raawwachuu, ragaa kennuu faadha.
- Kennaa fi haaromsa hayyama abukaatoo raawwachuu,
- Galmee naamusa abukaatoo ilaaluun murtii kennuu,
- Kenniinsaa fi hordofffii tajaajila seeraa bilisaa hordofuu,
- Abukaatootaa fi barreessitoota dhimma seera hordofuu fi to’achuudha.
Tajaajiloota Daarektoreetii Mirkaneessa, Gamleessa Sanadootaa fi Kenna Hayyamaa
Aangoo fi Hojii BAAWO Daayirektoreetii Qo’annoo, Qophii Wixinee fi Hordoffii Seeraa Ilaallatan
Aangoofi hojii BAAWO seerota adda addaa keessatti hammatamee jira. Kanneen keessaa aangoofi hojiin Daayireektoreetii Qorannoo, Wixinee fi Hubannoo seeratiin raawwatamuu qaban Labsii Hundeeffama Mana Hojichaa Labsii Lakk 214/2011 fi Fooya’insa isaa Labsii Lakk 236/2013 fi Labsii, Lakkoofsa 222/2012 jalatti bal’inaan hammatameera. Kanneen abbummaan Daayirektoreetichaan raawwataman gabaabinaan kanneen armaan gadiiti:
- Imaammata haqaa yakkaa fi tarsiimoo ittisa yakkaa biyyattii irratti hubannoo uumuun qaamota biroo waliin qindaa’ee hojiirra oolchuu.
- Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis walfakkaatinsa kan qabu ta’uu mirkaneessuu;
- Manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa Naannichaa hojii isaanii bu’uura seeraatiin raawwachuu isaanii mirkaneessuu;
- Dhimma seeraa irratti qaamolee mootummaatiif gorsaa seeraa kennuu;
- Qajeelfama Qophii Wixinee Seeraa Mana Hojii irraa dhiyaatu simatee xiinxaluun yookiin dhimmoota aangoo Biirichaa ta’an irratti seera baasuun yoo barbaachise Wixinee Seeraa qopheessuu ;
Tajaajiloota Daayirektoreetii Qo’annoo, Qophii Wixinee fI Hordoffii Seeraa
Hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa manneen hojii Mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa fi jaarmiyaalee uummataa keessatti bittinaa’ee ture giddu-gala tokkoo jalatti hoogganuu fi Aangoo dhimmicha irratti Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaaf Labsii Lak. 214/2011 keewwata 7(39-41) jalattii tumammee akka raawwatuu angeeffameera :
HAALA WALIIGALAA KENNIINSA TAJAAJILA DHIMMOOTA HARIIROO HAWAASAA
Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Ilaalchisee Aangoo fi Gahee Mana Hojichaa fi Caasaalee Isaa Manni Hojichaa fi caasaaleen isaa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa kabachiisuu ilaalchisee Aangoo fi gahee armaan gadii ni qabaata.
- Manneen Hojiifi Dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannichaa, akkaataa barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataa bakka bu’ee himata hariiroo hawaasaa ni hundeessa; ni falma; deebii ni kenna; dhimmoota falmiin jalqabame gidduu seenuudhaan ni falma; murtii kenname bu’uura seeraatin ni raawwachiisa;
- Waliigalteewwan manneen hojiifi dhaabbilee misoomaa mootummaa naannichaa qaama biroo waliin taasisan ilaalchisee seera qabeessummaa isaa ni xiinxala; gorsaafi deeggarsa seeraa ni kenna;
Dhimmoota Hariiroo HTajaajilota Daayirektoreetii Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Uummataa fi Mootummaaawaasaa Dantaa Uummataa fi Mootummaa
t
Aangoo fi Gahee Hojii Daayrektoreetii Dhimmoota Yakka Adda Addaa
Daayrektoreetiin Dhimmoota Yakka Adda Addaa bu’uura Labsii Lakkoofsa 214/2011 keewwata 7 fi Labsii Lakkoofsa 236/2013tiin aangoo fi gahee hojii armaan gadii ni qabaata.
- Qorannaa Yakkaa Hoogganuu
- Iyyannoo yookiin eeruu yakkaa simachuudhaan qajeeltoo heeraa fi seeraa irratti hundaa’udhaan qorannaan yakkaa dhugaa akka baasuu danda’utti hojjachuu
- Qorannaan yakkaa karaa ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu fi mirga namoomaa haala kabajuu fi kabachiisuun ta’uu akka qabutti sirna qorannaa yakka hoogganuu
- Adeemsa qorannaa keessatti mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraa fi seeraan eeggaman kabajamuu isaanii mirkaneessuu;
- Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo mana murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaa fi uummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu taasisuu; qorannoo yakkaa gaggeeffamu hoogganuu; hordofuu; faayidaa uummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu taasisuu;
Tajaajiloota Daayirektoreetii Dhimmoota Yakka Adda Addaa (2)
Daayirektoreetii Yakkoota Malaammaltummaa fi diinagdee
Daayirektoreetii Yakkoota Malaammaltummaa fi Taaksii aangoo fi gahee hojii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiif bu’uura Labsii lakk.214/2011 keewwata 7 jalatti tarreeffamanii kennaman keessaa gochootni yakka Malaammaltummaa fi Taaksii raawwatamanii yemmuu argamanitti mirgaa fi dantaa uummataa fi mootummaa karaa gahuumsaa fi si’oomina qabuun kabachiisuun akka danda’amuuf bara 2011 irra eegalee aangoo fi gahee hojii qorannoo fi murtii haqaa kennisiisuuf sadarkaa Biirootti Daayireektoreetii Dhimmoota Yakkoota Malaammaltummaa fi Taaksii jedhamuun Damee Yakkoota Malammaltumma fi Taaksii jalattii fi sadarkaa Godinaatti immoo maqaa Adeemsa Dhimmoota Yakkoota Malaammaltummaa fi Taaksii jedhamuun gurmaa’ee kan jiruu dha.
Hojiiwwan gurguddoon Daayirektoreetii kanaan hojjetamaan kanneen armaan gadiiti.
- Eeruu Fuudhuu/Odeeffannoo Sassaabuu
Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Ummataa keessatti yemmuu yakki malaammaltummaa hojjetaan ykn Abbaa Aangootii ykn namoota kan birootiin raawwatamuu isaa eeruun dhaqqabu eeruu ni fuudhaa ykn shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e odeeffannoo ni funaana, ni calala, murtii ni kenna, Poolisii waliin ta’uun ni qorata.
Tajaajiloota Daayirektoreetii Yakkoota Malaammaltummaa fi Taaksii
Tajaajila Boordii Dhiifamaa, Mirga Namoomaa fi Tumsa Gamtaa
Gurmaa’iinsa haarawa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Labsii Lakk.214/2011 bu’uura godhachuun bara 2012 keessa Waajjira Boordii Dhiifamaa fi Mirga Namoomaa jedhamee kan hundaa’e yoo ta’u bara 2014 irraa eegalee ammoo moggaafama “Waajjira Boordii Dhiifamaa, Mirga Namoomaa fi Tumsa Gamtaa” jedhamee akka waamamuu fi gurmaa’u godhameera. Waajjirri kun maqaa fi haala kanaan yoo gurmaa’u seerota gaditti tarreeffaman bu’uura godhachuun/tilmaama keessa galchuun kan gurmaa’e ta’uu isaa ni hubatama. Kuniis:
- Labsii Sirna Dhiifamaa Oromiyaa lakk.114/1998 kew.10 jalati qaama Biiroo Haqaa Oromiyaa kan ta’e Waajjirri Boordii dhiifamaa akka hundaa’u tumameera.
- Waajjirri qindeessaa karoora/sagantaa raawwii mirga namoomaa seektarootaa Biiroo Haqaa mootummaa naannoolee keessatti hundaa’uu qaba jedhamee sanada biyyoolessaa karoora/sagantaa raawwii mirga namoomaa (National Action Plan Of Human Right) waggaa shan shaniti marsa marsaan Mana Marii Bakka Bu’ootaatiin bara 2005 irraa eegalee bahee hojiirra oolaa turee ammas hojiirra oolaa jirru keessatti tumamee jira. Akkasumas labsii lakk. 214/2011 kew. 7(30) jalati kan ilaalamees kanuma kan cimsuudha.
Gahee Hojii Waajjira Boordii Dhiifamaa, Mirga Namoomaa fi Tumsa Gamtaa
Daayirektoreetiin Dagaagina Naamusaa fi Inispeekshinii bu’uura Dambii Bulchiinsaa fi Naamusaa
Abboottii Alangaa lakkoofsa 218/2013 kutaa xiqqaa sadii keewwata 118tiin kan hundaa’e.
Bu’uura Dambii Lakk.218/13 keewwata 119tiin aangoo fi gaheen hojii Daayirektoreetichaa kan tumamee jiru yoo ta’u, kunis:-
- Sababoota hanqina naamusaa ta’an irratti qorannoo gaggeessuun yaada furmaataa ni dhiyeessa;
- Naamusni ogummaa akka dagaaguuf Abbootii Alangaatiif barumsa hubannoo uumuu ni kenna; balleessaan naamuusaa akka hin raawwatamne ni ittisa;
- Iyyata ykn eeruu balleessaa naamusaa isaaf dhiyaatu ykn isatti beeksifamu ykn isaaf darbu ykn kaka’umsa mataa isaatiin bira gahee ni qulqulleessa;
- Galmeewwaan Abbaa Alangaa murtii dhumaa argatan odiitii ni taasisa, hanqinni naamusaa yoo jiraate tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Dhimma balleessaa naamusaa aangoo Gumii Naannoo ta’e irraati himata ni dhiyeesa; ni falma; ol’iyyata dhiyaateef deebii ni kenna; ni falma;
- Murtii balleessaa naamusaa Gumiin Godinatti kenname irratti ol’iyyata dhiyaatuuf deebii ni kenna; ni falma;
- Dhimmii dhiyaate aangoo isaa jalatti kan hin kufne yoo ta’e gara Garee Inispeekishinii Godinaatti ni erga;
- Dhimmichi kan hin himachiisne yoo ta’e galmee cufee Abbaa Alanagaa Waliigalaa fi Abbaa Alangaa Dhimmi ilaalattu ni beeksiisa;
- Naamusa Abboottii Alangaa irratti yommuu gaafatamu yaada ni kenna.
Tajaajiloota Daayirektoreetii Dagaagina Naamusaa fi Inispeekshinii