Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Baga Nagaan Dhuftan!

Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Haqaan Haqaaf  Hojjenna!

Ergama

Naannoo Oromiyaa keessatti seeraa yakkaa fi imaammata sirna haqaa yakkaa kabachiisuu, mirga namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiiwwanii kabajuu fi kabachiisuu fi dantaa mootummaa fi uummataa eegsisuudhaan tajaajila Abbaa Alangummaa haala siyaawaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’een, akkasumas bilisummaa hojii fi al-loogummaa ofii eeggatee fi haqummaa qabuun raawwachuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagaa fi tasgabbiin hawaasaa akka fulla’u taasisuu

Mul'ata

Bara 2022 tti tajaajila Abbaa Alangummaa kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun Biiroo Abbaa Alangaa akka biyyaatti fakkeenya ta’ee arguu dha

Duudhaalee

  • Olaantummaa seeraa
  • Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu
  • Bilisummaa Ogummaa
  • Itti gaafatamummaa
  • Iftoomina
  • Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu
  • Fakkeenyummaa
  • Hirmaachisummaa
  • Tajaajila gahumsa qabu kennuu
  • Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
  • Beekumsaa fi amantaan hogganuu
  • Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
  • Aadaa gareen hojjachuudha.

Tajaajiloota gurguddoo

Tajaajila Seeraa Bal'aa....

Qorannoo fi qophii wixinee seeraa
Hordoffii Hojiirra oolmaa seerotaa
Falmii fi Raawwii dhimmoota hariiroo hawaasaa
Gorsawwan seeraa
Gulaallii Waliigaltee Pirojektoota
Qor. fi falmii dhimmoota yakkoota adda addaa
Qorannoo fi falmii dhimmoota yakkoota Dinagdee
Qor. fi falmii dhimmoota yak.Malaammaltummaa
Galmeessa sanadootaa
Mirkaneessa sanadootaa
Kenna heyyama Abukaattoo
  • Labsiiwwan Federaalaa
  • Dambiiwwan Federaalaa
  • Seerota Feederaalaa kan walitti makaman
  • Labsiiwwan BMNO
  • Dambiiwwan BMNO
  • Qajeelfamoota Galmaa’an
  • Maanuwaalii
  • Seerota buufachuu dandeessu ( download)
  • Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa tajaajila irraa eegamu uummata Naannichaatiif haala haqa qabeessa, saffisaa, dhaqabamummaa fi qulqulina qabuun kennuuf riifoormiiwwaan gara garaa hojii irra oolchaa kan jiru yemmuu ta’u, bu’aaleen gaariin galmaa’aa turuun isaa ni hubatama.Bal’inaan dubbisaa!
  • Dirqama Lammiilee

    • Hojimaata seerawaa fi Naamusa Biirichaa kabajuu,
    • Dabaree eeggachuu
    • Haal dureewwan tajaajila argachuuf barbaachisan guutanii dhiyaachuu
    • Eeruu/odeeffannoo/Ragaa dhugaa irratti hundaaye kennuu
    • Seeraaf deeggarsa gochuu

    .Bal’inaan dubbisaa!…

  • Tajaajila qulqulluu, iftoomina, haqa qabeessaa fi gahumsa qabu kennuu
  • Naamusa Gaariidhaan lammiileef tajaajila kennuu
  • Duudhalee keenya kabajuu
  • Yeroo hunda fedhii lammiilee guutuuf hojjachuu
  • Gaaffii fi yaada lammiileef deebii hatattamaa kennuu
  • Murteewwan keenyaa fi tajaajila kenninuuf itti gaafatamummaa fudhachuu

Kenninsa tajaajila haqaa kenninu keessatti mirgoota daa’immanii fi dubartootaa kabachiisuuf xiyyefannoo addaatiin hojjachuu           

                    Dirqama Lammiilee

  • Hojimaata seerawaa fi Naamusa Biirichaa kabajuu,
  • Dabaree eeggachuu
  • Haal dureewwan tajaajila argachuuf barbaachisan guutanii dhiyaachuu
  • Eeruu/odeeffannoo/Ragaa dhugaa irratti hundaaye kennuu
  • Seeraaf deeggarsa gochuu

Oduu

Oduu Haaraa

Nu Hordofaa!

Guraandhala 20,2018
BAAWO,Finfinnee
------------------------------
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Raawwii Karoora hojii baatii ja'a bara 2018 Dhimma Yakka Dubartoota, Daa'imman,Ittisaa fi To'annoo Yaakka Namaan Daldaluu fi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Magaala Adaamaatti qorachaa jira

Gamaggamichis Abbootii Adeemsaa Dhimma Yakka Dubartoota, Daa'imman,Ittisaa fi To'annoo Yaakka Namaan Daldaluu fi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu fi Ogeessota dhimma kana irrtti hojjetan Sadarkaa Godinaalee fi Bulchiinsota magaalaa hunda kan hirmaachise dha

Waltanjjicha irratti Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti Daayirekteera Daayirektooreetii Dhimma Yakka Adda Addaa Obbo Siisay Tasfaayee argamuun haasaa saaqinsaa taasisaniin dhimmi Yakka Dubartoota, Daa'imman,Ittisaa fi To'annoo Yaakka Namaan Daldaluu fi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu dhimma akka biyyaattis xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiru yoo ta'u, akka Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaattis Gurmaa'insi isaa Biiroo irraa kaasee hanga caasaa Biirichaa sadarkaa Aanaa fi Magaalaatti addatti of danda'ee hojjetamaa kan jiru ta'ee raawwii karoora baatii ja'a haala kanaan gaggeessuunis dhiimmichaaf xiyyeeffannoo addaa kennamuu kan agarsiisu ta'uu ibsuun guyyaa boruus leenjiin Qajeelfama adabbii lakk.3/2017 irratti itti fufee kan kennamu ta'uu ibsaniiru

Gamaggamni raawwii karoora baatii ja'a kun akka gaggeeffamu kan Qindeessan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti Daayirekteera Daayirektooreetii Idileessa Koorniyaa,Dubartoota,Daa'immanii fi Sekteroota hundaa Aadde Hawwii Tarreqeny dha

Haaluma kanaan Abbootiin Adeemsaa Godinaalee fi Bulchiinsota Magaalaa Gabaasa Raawwii hojii baatii ja'a kan dhiyeessan yoo ta'u waltajjichi guyyaa boruus kan itti fufu dha.

Nu Hordofaa
Facebook: www.facebook.com/OAGB2017
Telegram: t.me/OAGB2024
... See MoreSee Less
caalmaatti....
👉Adabbii Barsiisoo
👉Oolmaa Dhaddachaa WAAG Gujii
👉Himtamaan Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539(1(A) irra Darbuun Yakka Ajjeechaa Lubbuu Namaa Cimaa Raawwate adabbii hidha cimaa Waggaa digdamaatiin (20) adabame

Dhimmichi akkasi👉 Himatamaan maqaan isaa Morkataa (Caalaa) Galoo jedhamu haala gara jabina qabuun haadha manaa isaa ajjeesuuf itti yaadee bakkaa fi sa’aatii filachuun gaafa guyyaa 23/10/2017 galgala keessaa tilmaamaan sa’aatii 1:00 yeroo ta’u Godina Gujii Bulchiinsa Magaala Adoolaa Woyyuu Ganda Birbirsa Biluu iddoo addaa Mishinii jedhamee beekamuu fi mana jireenyaa Obbo Abarraa Adaanaa jedhamu kireeffatanii waliin jiraatan keessatti duutuu ammaa Tirfee Sallii jedhamtu Bunyoon (Abootteen) Harma isheerra rukutee ajjeesuun balbala itti cufee erga deemeen booda gaafa guyyaa 24/10/2017 galgala keessaa tilmaamaan sa’aatii 1:00 irratti immoo yakki raawwatame akka hin beekamne taasisuuf manuma sana keessatti reeffa ishee akka namni hin argine boolla qotee awwaaluun erga miliqee booda hordoffii taasifameen gaafa guyyaa 06/03/2018’tti waan qabameef yakka ajjeechaa lubbuu namaa cimaa raawwateen himatameera jechuun Abbaan Alangaa Dhimmoota Dubartii fi Daa’immanii Godina Gujii himannaa isaanii Mna Murtii Ol’aanaa Godina Gujiitiif kan dhiyeessan yoo ta’u,

Manni Murtii Godina Gujii falmii Bitaa fi Mirgaa gaggeessuun himatamaan keewwatuma jalatti himatamee kwt. Seera yakkaa 539(1(A) jalatti balleessaa ni qaba jechuun Murtii balleessummaa erga kennee booda, dhaddacha gaafa guyyaa 16/06/2018tti ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa 20 (digdama)’tiin adabee jira.
Dubartiin Haadha, Obboleettiidha,Haadha Warraati, Kanaafuu,👉Dubartii irratti yakka raawwachuun matii Guutuu irratti yakka raawwachuudha.
... See MoreSee Less
caalmaatti....
Photos from Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Lixaa - West Hararghe Attorney's post ... See MoreSee Less
caalmaatti....
Guraandhala 16,2018
BAAWO,Finfinnee
-------------------------------
Beeksisa Jijjiirraa Keessaa
... See MoreSee Less
caalmaatti....
Guraandhala 14,2018
BAAWO, Finfinnee
-------------------------------------
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa ogeeyyii seeraa gargaaraa Abbaa Alangaa Aanaa ta'anii qaxaramuun hojjechaa turan Abbaa Alangaa Aanaa sadarkaa 2ffaa taasisuun Muude
==================================================
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa ogeeyyii seeraa gargaaraa Abbaa Alangaa Aanaa ta'anii qaxaramuun hojjechaa turan leenjii dandeettii raawwachisummaa cimsu Magaalaa Adaamaa galma ILQSOtti kennuufiin bu'uura Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa lakk.218/2013 kew.17(4)tiin Gumii Bulchiinsa Abbootii Alangaa Waliigalaaf dhiyeessuun Abbaa Alangaa Aanaa sadarkaa 2ffaa ta'uun hawaasa akka tajaajilan Muudeera .

Waltajjicha irratti Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo obbo Guyyoo Waariyoo argamuun ogeessota seeraa kanaan guyyaa muudamaa kanaaf qaqqabuu isaaniif baga gammaddan jedhanii booda Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kallattii hundaan jijjiirama keessa kan jiruu fi isinis keessatti qooda fudhattanii kan jirtan waan ta'eef fuldurattis kana caalaa akka hojjettan guyyaan kun guyyaa itti waadaa seentan ta'uu isaatiin guyyaa addaati jedhaniiru.

Kana Malees Gahee Abbaan Alangaa Sirna ijaaruu keessatti qabu mata duree jedhu irratti Abbaan Alangaa lafee dugdaa sirna haqaa, eegduu fi tiksituu sirna haqaa biyya tokkoo waan ta'eef sirna seeraa ijaaruu,qorannoo seeraa gaggeessuu,seera wixineessuu, hubachisuu, wixineen seeraa akka ragga'uu fi hojiirra oolmaa seeraa hordofuun aangoo seeraan Biirichaaf kennamee itti hojjetamaa jiru ta'uu, muudamtootni guyyaa har'aas hubachuun gahumsaa fi duudhaa naamusa olaanaa dhaan hojjechuun kan irraa eegamu ta'uu leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu muudamtootaaf kennanii jiru.

Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti Daayirekteerri Daayirektkoreetii Dagaagina Namusaa fi Inispekshinii obbo Goshuu Naggasaa Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa lakk.218/2018 fi Qajeelfama Itti Fayyadama Miidiyaa Hawaasaa lakk.30/2017 irratti haala muuxxannoo sadarkaa Idil Addunyaa, akka biyyaa fi naannoo Oromiyaatti jiruu fi qabatamaatti rakkoo caasaa Biirichaa sadarkaan jiran keesatti gama naamusaa fi itti fayyadama miidiyaa hawaasaan ogeessota biratti mul'atu bifa agarsiisuun leenjii bal'aa kennanii jiru.

Leenjii kenname irrattis muudamtootni yaada kennaniin leenjiin dandeettii raawwachiistummaa cimsu, keessumattuu dhimma naamusaa fi itti fayyadama midiyaa hawaasaa irratti haala kanaan kennamuun hojii hojjetan keessatti gahee olaanaa kan qabu ta'uu ibsuun waan gaaffii isaanitti ta'es iftoominaan dhiyeessuun deebiinis kennameefii jira
.
Xumura irrattis ogeeyyiin seeraa kun Gumii Bulchiinsa Abbootii Alangaa waliigalaa duratti dhiyaachuun Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo obbo Guyyoo Waariyoo sirna kakuu raawwachiisuun Muudamuu isaanii beeksisaniiru.

Fuula Miidiyaa hawaasaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hordofaa
Facebook: www.facebook.com/OAGB2017
Telegram: t.me/OAGB2024

Haqaan Haqaaf Hojjenna!
... See MoreSee Less
caalmaatti....

Kaayyolee Arfan Biirichaa

  • Seeraa fi Sirna Heeraa kabachiisuu. 
  • Ol’aantummaa Seeraa kabachiisuu.
  • Seera Yakkaa kabachiisuu 
  • Dantaa Hariiroo Hawaasaa Mootummaa Naannichaa fi Uummataa kabachiisuudha.
  • Uummata
  • Miidhamtoota
  • Ragaa Baatoota
  • Shakkamtoota, himatamtoota fi sirreeffamtota seeraa
  • Abukaatota
  • Barreesitoota dhimma seerraa
  • Dhaabbilee miti mootummaa, fi waldaalee bu’aa malee
  • Abbootii Dhimmaa dhuunfaa
  • Manneen hojii Mootummaa
  • Manneen hojii itti waamamni isaanii Biiroo AAWO tiif ta’an
  • Tajaajila qulqulluu, iftoomina, haqa qabeessaa fi gahumsa qabu kennuu
  • Naamusa Gaariidhaan lammiileef tajaajila kennuu
  • Duudhalee keenya kabajuu
  • Yeroo hunda fedhii lammiilee guutuuf hojjachuu
  • Gaaffii fi yaada lammiileef deebii hatattamaa kennuu
  • Murteewwan keenyaa fi tajaajila kenninuuf itti gaafatamummaa fudhachuu
  • Kenninsa tajaajila haqaa kenninu keessatti mirgoota daa’immanii fi dubartootaa kabachiisuuf xiyyefannoo addaatiin hojjachuu
  • Hojimaata seerawaa fi Naamusa Biirichaa kabajuu,
  • Dabaree eeggachuu
  • Haal dureewwan tajaajila argachuuf barbaachisan guutanii dhiyaachuu
  • Eeruu/odeeffannoo/Ragaa dhugaa irratti hundaaye kennuu
  • Seeraaf deeggarsa gochuu
  • Dhaqqabamummaa fi Bu’a Qabeessummaa 
  • Qulqullinaa fi si’oomina Tajaajilaa  
  • Bilisummaa fi itti gaafatamummaa
  • Gaarummaa  keessoo fi Ijaarsa Dandeettii