Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Baga Nagaan Dhuftan!

Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Haqaan Haqaaf  Hojjenna!

Kabajamtoota maamiltoota Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundi Baga Nagaan Dhuftan!

Biiroon keenya hojiilee gurguddoo labsiidhaan kennamaniif afur galmaan gahuuf hojjata. Hojiilee kunneenis:Seeraa fi Sirna Heeraa kabachiisuu, Ol’aantummaa Seeraa kabachiisuu, Seera Yakkaa kabachiisuu fi Dantaa Hariiroo Hawaasaa Mootummaa Naannichaa fi Uummataa kabachiisuudha.Kanaafuu. Kabajamtoonni Lammiilee keenyaa,Tajaajila Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa isiniif kennuu danda’u iddoo jirtanitti beektanii akka tajaajilamtaniif,odeeffannoo karaa  marsariitii keenyaa tamsa’u akka hordoftan dhaamsa koo isiniif dabarsa. Bal’inaan dubbisaa

 

Ergama

Naannoo Oromiyaa keessatti seeraa yakkaa fi imaammata sirna haqaa yakkaa kabachiisuu, mirga namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiiwwanii kabajuu fi kabachiisuu fi dantaa mootummaa fi uummataa eegsisuudhaan tajaajila Abbaa Alangummaa haala siyaawaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’een, akkasumas bilisummaa hojii fi al-loogummaa ofii eeggatee fi haqummaa qabuun raawwachuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagaa fi tasgabbiin hawaasaa akka fulla’u taasisuu

Mul'ata

Bara 2022 tti tajaajila Abbaa Alangummaa kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun Biiroo Abbaa Alangaa akka biyyaatti fakkeenya ta’ee arguu dha

Duudhaalee

  • Olaantummaa seeraa
  • Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu
  • Bilisummaa Ogummaa
  • Itti gaafatamummaa
  • Iftoomina
  • Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu
  • Fakkeenyummaa
  • Hirmaachisummaa
  • Tajaajila gahumsa qabu kennuu
  • Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
  • Beekumsaa fi amantaan hogganuu
  • Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
  • Aadaa gareen hojjachuudha.

Tajaajiloota gurguddoo

Tajaajila Seeraa Bal'aa....

Qorannoo fi qophii wixinee seeraa
Hordoffii Hojiirra oolmaa seerotaa
Falmii fi Raawwii dhimmoota hariiroo hawaasaa
Gorsawwan seeraa
Gulaallii Waliigaltee Pirojektoota
Qor. fi falmii dhimmoota yakkoota adda addaa
Qorannoo fi falmii dhimmoota yakkoota Dinagdee
Qor. fi falmii dhimmoota yak.Malaammaltummaa
Galmeessa sanadootaa
Mirkaneessa sanadootaa
Kenna heyyama Abukaattoo
  • Labsiiwwan Federaalaa
  • Dambiiwwan Federaalaa
  • Seerota Feederaalaa kan walitti makaman
  • Labsiiwwan BMNO
  • Dambiiwwan BMNO
  • Qajeelfamoota Galmaa’an
  • Maanuwaalii
  • Seerota buufachuu dandeessu ( download)
  • Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa tajaajila irraa eegamu uummata Naannichaatiif haala haqa qabeessa, saffisaa, dhaqabamummaa fi qulqulina qabuun kennuuf riifoormiiwwaan gara garaa hojii irra oolchaa kan jiru yemmuu ta’u, bu’aaleen gaariin galmaa’aa turuun isaa ni hubatama.Bal’inaan dubbisaa!
  • Dirqama Lammiilee

    • Hojimaata seerawaa fi Naamusa Biirichaa kabajuu,
    • Dabaree eeggachuu
    • Haal dureewwan tajaajila argachuuf barbaachisan guutanii dhiyaachuu
    • Eeruu/odeeffannoo/Ragaa dhugaa irratti hundaaye kennuu
    • Seeraaf deeggarsa gochuu

    .Bal’inaan dubbisaa!…

  • Tajaajila qulqulluu, iftoomina, haqa qabeessaa fi gahumsa qabu kennuu
  • Naamusa Gaariidhaan lammiileef tajaajila kennuu
  • Duudhalee keenya kabajuu
  • Yeroo hunda fedhii lammiilee guutuuf hojjachuu
  • Gaaffii fi yaada lammiileef deebii hatattamaa kennuu
  • Murteewwan keenyaa fi tajaajila kenninuuf itti gaafatamummaa fudhachuu

Kenninsa tajaajila haqaa kenninu keessatti mirgoota daa’immanii fi dubartootaa kabachiisuuf xiyyefannoo addaatiin hojjachuu           

                    Dirqama Lammiilee

  • Hojimaata seerawaa fi Naamusa Biirichaa kabajuu,
  • Dabaree eeggachuu
  • Haal dureewwan tajaajila argachuuf barbaachisan guutanii dhiyaachuu
  • Eeruu/odeeffannoo/Ragaa dhugaa irratti hundaaye kennuu
  • Seeraaf deeggarsa gochuu

Oduu

Oduu Haaraa

Nu Hordofaa!

Beeksisa_Guddina_Sadarkaa_Olee Abbootii Alangaa . ... See MoreSee Less
caalmaatti....
Duulli Hubannoo seeraa Godinaalee ,Magaalotaa fi aanaalee keessatti Abbootii Alangaa keenyaan cimee itti fufee jira ... See MoreSee Less
caalmaatti....
Qindoomina Waajjira Abbaa Alangaa Godina Wallagga Bahaa Qajeelcha Poolisii Godina Wallagga Bahaa fi Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Waliin ta'uun Leenjii Dhimmoota Qorannaa Galmee yakkaafi kenna tajaajilaa irratti Leenjiin kenname jira.

Hirmaattonni qorattoota poolisii Aanaalee Godinaa fi bulchiinsa magaalaa naqamtee itti/Gaf/kutaa/qo/yakkaa Qaj/po/Go/wa/Bahaa fi itti /Ga/A/Alanga Aanaalee fi bulchiinsa magaalaa anger guutee akkasumas itti /gaf/kutaa istaafii fi bu/ma/naqamtee yoo ta'an Bakka Ho/Qaj/Ol/Qor/Yakkoota adda addaa Poolisii Oromiyaa Gargaaraa Komishinaraa Birhaanuu yaabasaa fi Ajajaa Qajeelcha Poolisii Godina wallagga Bahaa Koomaander Tasfaayee Ittaanaa argamanitti kennamee jira.

Leenjii kana kan kennan Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Damee lixaatti Qindeessaa Garee Yakkoota Adda Addaa Obbo Taammiraat Seeqqataan dha.

Kaayyoon Leenjichaas hojiin qorannoo galmee yakkaa eeruu irraa eegalee hanga murtii xumuraa kennamutti qindoominni qorattoota poolisii fi Abbootii Alangaa waliin jiru maal akka fakkaatuu fi hanqinaaleen raawwii hojii keessatti maal akka ta'e adda baasuun leenjiin dhimmoota qabataa irratti kennamee jira.

Hojii hojjennu keessatti kenna tajaajila si'ataa fi qulqulluu akka ta'uu akkasumas qabiinsa qorannaa galmee yakkaa irratti laanjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf gargaaru kennamee jira.
... See MoreSee Less
caalmaatti....
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Qorannoo hojii nuusa 1ffaa kan bara 2018 Magaala Adaamaatti gaggeessaa jiru ittuma fufee jira.
Onkoloolessa 14/2018,BAAWO:Finfinnee;Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Gamaggama Hojii Waajjira Abbaa Alangaa Godinaalee Magaalotaa fi Aaanaalee deggersa Baajeta UNICEF qabaniif miidhaa dubartootaaf daa’imman irra qaqqabu ittisuuf hojiilee kurmaana 1ffaa bara kanaa keessatti hojjetaman Qorachaa jira.

Daa’immani kutaa hawaasaa keessaa warreen kunuunsaa fi eegumsa addaa barbaadanii dha.Sababbii umuriifi bilchina isaanii irraa kan ka’e rakkoo hedduuf saaxilamoo ta’uu bira darbee guddina qaamaa, naamusaa gaarii akka horatan, bilchina sammuu isaanittif akkasumas guddina hawaasummaa isaaniitiif yeroo hunda gargaarsa fi gorsa warraa ni barbaadu.Biyyoota reef guddachaa jiran keessatti eegumsi fi tajaajilli hawaasummaa haala gahaa ta’een waan hin godhamneef daa’imman lolaaf yookiin waraanaaf, beelaaf, balaa uumamaaf, saamicha humnaaf, rakkoowwan adda addaa kana fakkaatan baldhinaan waan jiraniiif nageenya fi jireenya daa’immanii rakkisaa yookiin qormaata itti taasisa.

Gabaasa Aaanaalee kunneeniif Magaalota Tajaajila Qindaawwaa bakka tokko qabaniifi hojii hanga yoonaatti raawwatame bakka hooggansi Biiroo jiranitti Itti gaafatamtoonni gabaasa isaanii akka dhiyeessan taasifamee xiyyeeffannoon addaa itti kennamee Qoratamee jira. Gamaggama gaggeeffamaa jiru Kanaan daa’immaniif dubartoota irratti sababoota gara garaatiin miidhaafi dararamni bakkaa bakkatti irra qaqqabu akka jiru gabaasa dhiyaate keessaa hubachuun danda’amee jira.
Isa kana immoo yeroo ilaallu mirgoota namoomaa heera RDFI keessatti dubartootaaf mirkanaa’anii fi qaawwa seeraa yakkaa moofaan qabu cufuuf bara 1996 seerri yakkaa haaraan rakkoolee kana furuudhaaf tumameera.Seerri kunis yakkoota dubartoota irratti raawwatamuu danda’aan adabbii isaanii waliin tumee jira. Rakkoowwan qaqqabaa jiran keessaa inni tokkoo Gudeeddii yeroo ta’u Gudeeddiin yakka dhiirri tokko dubartii tokko fedhii ishee malee humnaan, sodaachisuun yookiin mooksuun wal qunnamtii saalaa akka raawwatu taasiisuudha.Gudeeddiin mirgoota namoota dhuunfaa heera RDFI tiin wabii argatan: Mirga nageenya qama, mirga kabajaa fi maqaa gaarii fi Mirga kabajamuu fi eegamu jireenya Dhuunfaa ni sarba. Miidhaa qaamaa fi sammuu dubartoota irraan ni gaha.Gochi kun midhamtoota ilaalchisee sammuu ni cinqa yookiin ni jeeqa, gada yookiin gidiraa ni hordofsiisa kabaja dubartoota ni salphisa.kana waan ta’eef Gamaggama kanaanis hojiin jajjabeessan kan biraan ilalaalame keessaa hojiin Hubannoo uumuuf sochiin taasifame waan gaarii yeroo ta’uu miidhaa dubartootaafi daa'imman irra qaqqabu ittisuuf ammallee ciminaan karaa bu'aa buusuu danda'uufi kutaa hawaasaa keessaa kanneen dhageettii qabaniifi hubnnoon nuti kenninu akka lafa qabatee jijjiiramni dhufuuf nu deggeruu danda'an qabachuun hojii deebii kennuu keessatti Qaamolee qindoominaas siriitti sochoosuun waliin ta'uun hojjechuun xiyyeeffannoo argachuu akka qabu dhaamuun hojiin hubannoo seeraa cimee itti fufuu akka qabu kallattiin kaa’amee jira.
... See MoreSee Less
caalmaatti....
Qorannoo Raawwii Karoora Hojii Nuusa Tokkoffaa...

BAAWO; Onkolooessa 13,2018 Finfinnee

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa raawwii karoora hojii baatii 3 bara 2018 Adaamaatti gamaggamaa jira.

Itti-gaafatamtoota Waajjieaalee Abbaa Alangaa Godinaalee, Magaalotaa fi Qindeessitoota Dameewwan Dhaabbii waliin ta'uun karoorri raawwii kun qoratama.

Itti Aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Baatirii Fufaan waltajii kana irratti akka dubbatanitti gamaggama kanaan ciminaalee, hanqinaalee fi rakkoolee turan haalaan adda baafachuun ciminaalee jiran daran cimsinee itti fufsiisuun hanqinaalee fi rakkoolee adda baafannu immoo karoora keenya sadarkaa sadarkaan itti fufanii jiran keessatti harcaatii malee milkeessuuf gamaggamni hojii kun barbaachise.

Qorannaan hojii kun hanga boriitti itti fufee xumura irratti kallattii hooggansi olaanoon birichaa kennaniin kan goolabamu ta'uu sagantaan waltajii gamaggama hojii kun ni mul'isa.
... See MoreSee Less
caalmaatti....

Kaayyolee Arfan Biirichaa

  • Seeraa fi Sirna Heeraa kabachiisuu. 
  • Ol’aantummaa Seeraa kabachiisuu.
  • Seera Yakkaa kabachiisuu 
  • Dantaa Hariiroo Hawaasaa Mootummaa Naannichaa fi Uummataa kabachiisuudha.
  • Uummata
  • Miidhamtoota
  • Ragaa Baatoota
  • Shakkamtoota, himatamtoota fi sirreeffamtota seeraa
  • Abukaatota
  • Barreesitoota dhimma seerraa
  • Dhaabbilee miti mootummaa, fi waldaalee bu’aa malee
  • Abbootii Dhimmaa dhuunfaa
  • Manneen hojii Mootummaa
  • Manneen hojii itti waamamni isaanii Biiroo AAWO tiif ta’an
  • Tajaajila qulqulluu, iftoomina, haqa qabeessaa fi gahumsa qabu kennuu
  • Naamusa Gaariidhaan lammiileef tajaajila kennuu
  • Duudhalee keenya kabajuu
  • Yeroo hunda fedhii lammiilee guutuuf hojjachuu
  • Gaaffii fi yaada lammiileef deebii hatattamaa kennuu
  • Murteewwan keenyaa fi tajaajila kenninuuf itti gaafatamummaa fudhachuu
  • Kenninsa tajaajila haqaa kenninu keessatti mirgoota daa’immanii fi dubartootaa kabachiisuuf xiyyefannoo addaatiin hojjachuu
  • Hojimaata seerawaa fi Naamusa Biirichaa kabajuu,
  • Dabaree eeggachuu
  • Haal dureewwan tajaajila argachuuf barbaachisan guutanii dhiyaachuu
  • Eeruu/odeeffannoo/Ragaa dhugaa irratti hundaaye kennuu
  • Seeraaf deeggarsa gochuu
  • Dhaqqabamummaa fi Bu’a Qabeessummaa 
  • Qulqullinaa fi si’oomina Tajaajilaa  
  • Bilisummaa fi itti gaafatamummaa
  • Gaarummaa  keessoo fi Ijaarsa Dandeettii