Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Naamusa Abbootii Alangaa

Haala qabatamaa Naamuusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa**********                   Akka Naannoo Oromiyaatti haalli naamuusa ogummaa abbaa alangummaa kabajuu fi kabachiisuu sadrkaa maalii irratti argama kan jedhu beekuuf qorannoon addatti gaggeeffame kan hin jirre yoo ta’es, haala waliigalaa mula’chaa jiru akkasumaas eeruuwwanii fi komii dhiyaachaa jiran irraa ka’uun akka armaan gadiitti xinxaalamee dhiyaatee jira.Eeruu kana erga isiniif dhiyeessinee booda tarkaanfii fudhatamee tokko lama jennee isiniif qabannee dhiyaanna.Daataa eeruuwwan bara darberraa as darbe dabalatee bara 2016 kana keessa haaraa dhiyaate;1.Matta’aa fudhachuu yookin gaafachuu = 152.Falmii Dhaddachaa laaffisuu = 143.Keewwata hin madaallen himata dhiyeessuu = 74.Angootti seeran ala fayyadamuu = 45.Hojimaata mana hojii diriiree jiru cabsuun hojii miidhuu = 46.Hojjattoota mana hojichaa waliin waliigalteen hojjachuu dhabuu, jeequmsa uumuu = 57.Sa‘atii hojii mootummaa kabajuu dhabuu; hojiirraa baduu = 28.Ragaa sobaa bahuu fi kennuu = 19.Ragaa yookin ijoo dubbii seerummaa qabu taee jedhanii 10.keessaa hambisuun yookin dhoksuun murtiin akka jalatu taasisuu = 511.Qajeelfama seera qabeessa tae hoogganaa dhiyoo irra fudhachuu diduu = 412.Ta’e jedhanii qabeenya Mana hojii irra miidhaa qaqabsiisuu yookin qisaasessuu = 113.Nama himatamuu hin qabne himachuu yookin nama himatamuu qabu himachuu dhiisuu = 314.Seeraa fi hojimaatan kaame osoo hin guutin tae jedhanii ragaalee galmeessuu yookin mirkaneessuu yookin hayyama kennuu = 215.Murtii marii garee Abbootii Alangaan kenname ala murtii kennuu = 116.Sababa gahaa malee himata kaasuu = 117.Oliyyata gaafachuu osoo qabu gaafachuu dhiisun miidhaa qaqabsiisuu = 118.Ulaagaa osoo hin guutin sanadoota mirkaneessuu, 19.galmeessuu fi hayyama kennuu = 320.Gahee hojii bahachuu dhabuu = 321.Gocha mana hojii tufachiisu raawwachuu= 2 .Eeruu badii naamusaa kana gosa isaa waliin haala kanaan kan dhiyeessuun barbaachiseef Abbootiin Alangaa keenya sadarkaan jiran of bira ilaalanii sababa namoota rakkoo qaban muraasaa maqaan Abbaa Alangaa Naamusa gaarii qabuu isaan badii raawwatan kana waliin waamamuun hagam akka nama saalfachiisu hubachuudhaan haala qabatama isaaniitiin namni hunduu ajandaa tokko godhatee Godina, Damee, magaalotaa fi aanaa jiru hunda keessatti akka irratti mari’atu yaadameetu.

Tarkaanfii Naamusaa

Abbootiin Alangaa balleessaa naamuusaa cimaa raawwatan 8 hojiirraa gaggeeffamanii jiru Bara baajataa 2016 kana keessa akka Daareektooreetii Dagaagina Naamuusaa fi Inspeekshinii Sadrkaa Naannootti akkasumas Garee Dagaagina Naamuusaa fi Inspeekshinii sadarkaa Godinaatti balleessaa naamuusaa Abbootiin Alangaan raawwatamuun qorannaan mirkanaa’e irratti tarkanfiin/itti gaafatamummaan/ haala armaan gadiitti dhiyaaten mirkanaa’ee jira.Abbootii Alangaa 3 balleessaa naamuusaa cimaa raawwatan yakkas waan ta’eef, bu’ura seeraa Labsii 214/2011 keewwata 17(4) jalatti tumamee jiruun eegumsi seeraa karaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa adeemsa isaa eeggatee erga irraa ka’ee booda, to’annaa seeraa jala oolanii yakka malamaltummaan galmeen irratti qulqulaaaa jira.Kana keessaa Abbaan Alangaa tokko yakkaa irratti dhiyaatee falmiin bitaa fi mirgaa gaggeeffamaa erga turee booda, adabbii hidhaa cimaa waggaa 6tin adabamtee jirti.Hanga ammaa barreeffamni kun qilleensarra oolutti Abbootii Alangaa balleessaa naamuusaa cimaa raawwachuu isaanii ragaan mirkanaaee 9 ta’an buuura Dambii 218/2013, keewwata 121tin gama Gumii Naannoo Bulchinsa Abbootii Alangaan hojiirraa dhorkamanii kan jiran yemmuu tau, kana keessaa guyyaa 45 keessatti abbootii Alangaa hojiirraa dhorkaman 7 irratti adabbiin garagaraa Gumii Naannootin irratti kennamee jira.Kan namoota lamaa immoo adeemsarra kan jiruudha.Abbaa Alangaa tokko balleessaa naamuusaa cimaa gocha matta’aa fudhachuu raawwate balleessaa naamuusaa cimaan himachuun akkuma jirutti ta’ee yakka malamaltummaannis akka itti gaafatamu eeruun gara Daareektooreetii Yakka Malamaltummaatti akka darbu godhamee jira. Warra balleessaa naamuusaa cimaa wal fakkaatu raawwatan gochi raawwatame yakkas waan ta’eef, qindeessinee dabarsuuf adeemsarra kan jirru ta’uudha.Gareen Dagaagina Naamuusaa fi Inspeekshinii Godinaalees dhimma kanarratti xiyeeffannoo cimaan hojjachuu qabu.Galmeewwan himata dhimma badii naamusaa Daarektooreetii Dagaagina Namuusaa fi Inispeekshiniitiin Gumii Naannootti akkasumaas karaa Garee Inspeekshinii Godinaan Gumii Godinaatti dhiyaate ilaalchisee;============================kan bara darbe irraa as darbe galmee 44;haaraan dhiyaate galmee 32 yoo ta’u;waliigalaan himannaan dhiyaate galmee 76 dhiyaatee jira.Kana keessaa murtii Gumii Naannoo/Gumii Godinaa/ kan argate galmee 53(69.74%) yoo tau;kan murtii Gumii Naannoo/Godinaa argatan keessaa;murtiin adabbii galmee 42(Abbootii Alangaa 46) ta’an irratti murtiin adabbii :-akeekachiisa barreeffamaa,adabbii mindaa,mindaa fi sadrkaa irraa gadi buusuu fi hojiirraa gaggeessuu irratti kennamee jira.Kana keessaa Abbootiin Alangaa balleessaa naamuusaa cimaa raawwatan 8 hojiirraa gaggeeffamanii jiru.Abbootin Alangaa 3 bilisaan gaggeeffamaniiru.galmee sababa ragaan abbaan alangaa Inspeekshinii fi himatamaan dhabamuun fi sababa adda addaatiin adda cite cufame galmee 5 yoo tau;galmeen 2 sababa abbaan alangaa hojii abbaa alangummaa gadi lakkiseef cufameera.Galmeen 1 immoo angoo Gumii Godinaa waan ta’eef, gara sanatti akka deemu karaa Gumii Naannon murtaa’ee qajeelfamee jira.Galmeen 22 beellamaan adeemsarra kan jiruudha.Galmee oliyyataa murtii Gumii Naannoo komachuun karaa abbootii alangaa balleessaa jedhamuun adabbiin irratti kennamee fi karaa Abbootii Alangaa Daareektooreetii Inspeekshiniin galmee muraasa gara Gumii Waliigalaa Bulchinsa Abbootii Alangaatti galmee 21 irratti Oliyyanni gaafatamee ilaalamaa kan jiruudha.Akka waliigalaatti eeruuwwan balleessaa naamuusaa dhiyaachaa jiruu fi qabatamaannis qulqulaa’ee balleessaan naamuusaa jiraachuu mirkanaa’ee himanni dhiyaatee falmiin bitaa fi mirgaa gaggeeffamee adabbii kennamaa jiru irraa wanti hubatamu ogeeyyiin cicimoo ogummaa isaanii duguuganii ummata isaanii tajaajiluun bu’aa gurguddaa buusan bayyeen akkuma jiran ogeeyyiin seeraa(Abbootiin Alangaa) muraasni waadaa uummataaf seenan dagachuun faayidaa dhuunfaa isaaniif duursa kennuun balleessaa naamuusaa cicimaa hanga yakka gogaa raawwachuutti mula’achaa jiru. Ogeeyyiin Rakkoo Naamusaa hamaa keessa seenani jiran kun Ergamaa fi galmoota mana hojii keenyaa galmaan akka hin geenye yaaddoo guddaa uumanii jiru. Kanaafuu, dhimma kanarratti xiyeeffachuun sirreessuun gahee hunda keenyaa ta’a.===================//=====================Ergaa Daarekteera Daareektooreetii Dagaagina Naamuusaa fi Inspeekshinii BAAWO ob Goshuu Naggasaa.**********************//**********************Kabajamtoota, itti gaafatamtoota hojii BAAWO irraa eegalee sadarkaan jirtan, Abbootii Alangaa sadrkaa hundarratti argamtan, Hojjattoota Bulchinsaa sadarkaa kamiyyuu irratti argamtan akkasumaas ogeessota biroo muudamtoota Gumii taatan sadarkaa kamiyyuu irratti argamatan akka hubattan kan barbaannu, ogummaa abbaa alangummaa ogummaa kabajamaa sirni haqaa roga hundaan akka Naannoo keenyaattis ta’ee akka biyyaatti akka mirkanaa’u gochuu keessatti gahee bakka buu’mmaa hin qabne qaba. Gahee hojii gurguddaa seeran Biiroo Abbaa Alangaa fi caasaa isaa sadarkaan jiruttis ta’ee Abbootii Alangaa Naannoo keenyatti galmoota fi ergama qabannee milkeessun mula’ata akka Biirootti qabanne jirru bira gahuu kan dandeenyu fi amantaa uumataa horachuu kan dandeenyu hojii keenya qajeeltoowwan naamuusaa ogummaa abbaa alangummaa akkasumas kan hojjattoota bulchinsaa sadarkaa daraan olaanatti kabajnee yoo hojjanne qofaadha. Abbootiin Alangaa keenya baayyeen gahee hojii isaanii naamuusaa olaanaa gahumsaa olaanaan bahachuun bu’aa gurguddaan qabatamaan lakkaa’uun danda’amu kan milkeessan yoo ta’u, ogeeyyiin(Abbootin Alangaa) muraasni garuu balleessan naamuusaa isaan raawwatan mula’ataa fi ergama qabanne kan faallessu, waada uummataaf galame kan dagate, ammanataa uummanni mana hojii keenyaa fi abbaa alangaa irratti qabu akka hin daballe kan dhorku, maqaa mana hojii keenyaa fi ogummaa keenya xureessaa kan oolan fi gochi isaanii yaaddeessaa ta’uu, eeruu guyyaa guyyaan dhiyaachaa jiru akkasumaas dhimmoota falmiirra jiran irraa hubachuun ni dandaama.Haaluma kanaan, Daareektooreetii Dagaagina Naamuusaa fi Inspeekshinii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti dhaamsi abbootii Alangaa keenyaaf qabnu gahee hojii nutti kenname qajeeltoowwan naamuusa ogummaa abbaa alangummaa kabajuun miira itti gaafatamummaa olaanaan raawwachuu qabna. Abbootin Alangaa beekannis ta’ee dagannoon balleessaa naamuusaa akka hin raawwanne dagaagina naamuusaa irratti hojjachuu; yeroo yeroon hubannoo waliif uumuun, wal gorfachuun baayyee murteessaadha. Namni gara badiitti deemaa jiru osoo beeknu kan callisnu yoo ta’e, osoo dhageenyuu akka hin dhageenye, osoo arginuu akka hin argine taanee kan bira dabarru yoo ta’e deeme deemee mana hojii keenyaarratti, ogummaa keenyarratti , hojii keenyatti kufaatii guddaa kan hordofsiisudha.Kanaafuu, dhimmi naamuusa xiyeefannoo guddaa akka argatu hubannoon dhimma naamuusaa karaa bu’a qabeessa ta’een akka kennamu, wal gorsuun wal deebisuun akka jiraatu duursinee dagaagina naamuusaa irratti hojjachuun caasaa keenya sadrkaa jiru irraa keessattuu Garee Dagaagina Naamuusaa fi Inspeekshinii Godinaalee irraa hojii guddaatu eeggama. Kana bira darbuun balleessaan naamuusaa yoo raawwatame araarama tokko malee itti gaafatamummaa mirkaneessaa deemun nurraa eeggama. Ummannis haqaa isaa maallaqaan bitachuun irra hin jiraatu. Tajaajila argachuu qabu boonee argachuu qaba malee boo’ee dararamuun irra hin jiraatu. Kana waan ta’eef, balleessaa naamuusaa ogeeyyii yemmuu isa muudate caasaa keenya sadarkaa jiranitti eeruu kennuun deeggarsa barbaachisaa akka taasisu dhaamasa keenya dabarfanna.Haqaan Haqaaf Hojjanna!HUB:Ergaan kun Wajjiraalee Abbaa Alangaa Godinaa, Damewwan,Aanaa fi Magaalota hunda bira gahee Abbootiin Alangaan keenya Hundi dubbisuun irraa barachuu qabuP.MDaarikteera koominikeeshinii BAAWO  

Leenjii karoora 2017 kenname

Leenjiin Karoora Bu’aa Irrattii Xiyyeeffatuu Kenname. Caamsa 03,2016 BAWO ( Finfinnee ) :- Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Karoora Bu’aa Irratti Xiyyeeffate kan bara 2017 irratti Abbootii Alangaafi Hojjettoota Bulchiisaa Naannootiif Adaamaatti leenjii kenne.Barbaachisummaan leenjii kananaa sirna karoorsuu irratti dogongora kana dura ture maqsuun karoora bara 2017 haalaalaa qopheeffachuun ergamaafi mul’ata biirichaa galmaan ga’uufiidha.Itti-Aanaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi Hoogganaan damee yakkoota adda addaa obbo Kumasaa Araarsaa akka dubbatanitti bakki hooggansi biirichaa yeroo ammaa jijjiirama irratti fiduu qabna jennee xiyyeeffannaa guddaadhaan ballinaan irratti hojjechaa turree jirru keessaa dhimmi karooraa isa murteessaadha.Sirni kaaroora keenya maal ta’uu qaba? akkamittis karoorfachuu qana? kanneen jedhaman irratti yeroo garaagaraatti leenjiin kennamee gamaggamniifi hordooffii taasifameen akkaataa itti karoorfamu irratti fooyyeen jiraachuu kan ibsan obbo Kumasaan bara 2017 tti garuu haala kan baroota darbanii irraa adda ta’een karoora bu’aa irratti xiyyeeffate irratti leenjii kanaan hubanno wal fakkaataa uumuun daayirakterootaa hanga raawwattoota biirichaa sadarkaa sadarkaan jiranitti karoora sirrii qopheeffachuu milka’ina caluuf kan hojjetamu ta’uu dhaamaniiru.Lenjiin karoora bu’aa irratti xiyyeeffatee kun dayiraktara daayiraktoreetii karooraa biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Siisaay Iddeesaan erga kennamee booda hirmaattota keessaa yaadaa fi gaaffiin gara garaa ka’eef deebii barbaachisaa fi yaadi hooggansaan erga irratti kennameen booda karoora ka’umsaa bara 2017 sirriiti bilchaachuu waan qabuuf Daarikteeronni raawwataa isaan bira jiru wiixata irraa jalqabdanii leenjii karoora bu’aa irratti xiyeeffatu kana irratti leenjii kennuudhaan qindeessitoonni karoora ka’umsaa Qopheessuun hooggansaaf akka dhiyeessitan waan ta’uuf irra deddeebi’aa dubbisaa, irratti qophaa’aa yeroo gabaabaa keessatti xumuraa keessaa ba’aa, jechuudhaan hojjetaan dhuunfaa kan dhuunfaa qopheeffachuudhaan torbee lama keessatti dhimma kana gudunfinee keessaa ba’uun hojii biraatti cehuu qabna jechuudhaan kallattiin xumuraa kennamee leenjiichi xumuramee jira.