Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hojiilee gurguddoo labsiidhaan kennamaniif afur galmaan gahuuf hojjata. Hojiileen kunniinis:
Miseensonni mana hojii keenyaa Biiroodhaa hanga Aanaatti jirtan hundi Ergamaa fi Mul’ata Biiroon keenya qabatee hojjachaa jiru hubachuudhaan haqa uummanni keenya nurraa barbaadu gahumsaan mirkaneessuu qabdu. Tajaajilli nuti hawaasa keenyaaf kenninu qulqullinaa fi saffina qabaatee; loogii kami irraayyuu bilisa ta’uu qaba. Kanaanis uummata garaa gahuutu nurraa eeggama. Maammiltoota keenyas fuula gaariin simannee fala kennuun gammachiisuu qabna. ‘’Jirbiin wal taatee Arba hiiti’’ akkuma jedhamu; nuti akka hawaasa mana hojii kanaatti hanga fedhe kutannoo fi fedhiin yoo hojjannuuyyuu, mul’ata akka Biirootti milkeessuuf qabanne bira gahuudhaaf, tumsaa fi deeggarsa qaamolee haqaa hunda wajjin tokkummaan hojjachuun milkaa’ina hojii sirna haqaatiif haa tumsinuun dhaamsa kooti.
Dhuma irratti, qaamoleen mootummaas ta’e, miti mootummaa, akkasumas uummanni keenya sirna haqaa biyya keenyaa kabachiisuu keessatti gaheen qabdan ol’aanaa waan ta’eef galma gahiinsa kaayyoo Biiroon keenya hundaa’eef milkeessuuf tumsaa fi deeggarsa sadarkaa kamittuu isin irraa barbaannu akka nuuf taasiftan dhaamsa kiyyan dabarsa.
Horaa Bulaa!
Guyyoo Waariyoo
Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Ob.Kumasaa Araarsaa
I/A/A/A/Waliigalaa fi Hogganaa Damee Dhimmoota Yakka Adda Addaa
Ob.Mallasaa Abbaayinaa
I/A/A/A Waliigalaa fi Hogganaa Damee Wixinee Seeraa fi Hariiroo Hawaasaa
Ob.Qaasim Galgaluu
Sadarkaa I/A Hogganaa Biirootti Gorsaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa