Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Facebook
Youtube
Telegram
Menu
Fuul-Jalqabaa
Waa’ee Biiroo
Hundeeffama
Aangoo fi Gahee
Ergama
Caaseffama
Itti Waamamaa
Dhimmamtoota
Tajaajiloota
Tajaajila-Imeelii
Odeeffannoo Tajaajilaa
Chaartera Lammiilee
Seerota
Labsii fi Dambiiwwan
Qo’annoo fi Qorannoo
Kuusaalee
Viidiyoo
Suurawwan
Maxxansaalee
Beeksisa
Oduu
Nu Qunnamaa
Leenjiin Karoora Bu’aa Irrattii Xiyyeeffatuu Kenname.
Caamsa 03,2016 BAWO ( Finfinnee )
:- Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Karoora Bu’aa Irratti Xiyyeeffate kan bara 2017 irratti Abbootii Alangaafi Hojjettoota Bulchiisaa Naannootiif Adaamaatti leenjii kenne.
Barbaachisummaan leenjii kananaa sirna karoorsuu irratti dogongora kana dura ture maqsuun karoora bara 2017 haalaalaa qopheeffachuun ergamaafi mul’ata biirichaa galmaan ga’uufiidha.
Itti-Aanaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi Hoogganaan damee yakkoota adda addaa obbo Kumasaa Araarsaa akka dubbatanitti bakki hooggansi biirichaa yeroo ammaa jijjiirama irratti fiduu qabna jennee xiyyeeffannaa guddaadhaan ballinaan irratti hojjechaa turree jirru keessaa dhimmi karooraa isa murteessaadha.
Sirni kaaroora keenya maal ta’uu qaba? akkamittis karoorfachuu qana? kanneen jedhaman irratti yeroo garaagaraatti leenjiin kennamee gamaggamniifi hordooffii taasifameen akkaataa itti karoorfamu irratti fooyyeen jiraachuu kan ibsan obbo Kumasaan bara 2017 tti garuu haala kan baroota darbanii irraa adda ta’een karoora bu’aa irratti xiyyeeffate irratti leenjii kanaan hubanno wal fakkaataa uumuun daayirakterootaa hanga raawwattoota biirichaa sadarkaa sadarkaan jiranitti karoora sirrii qopheeffachuu milka’ina caluuf kan hojjetamu ta’uu dhaamaniiru.
Lenjiin karoora bu’aa irratti xiyyeeffatee kun dayiraktara daayiraktoreetii karooraa biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Siisaay Iddeesaan erga kennamee booda hirmaattota keessaa yaadaa fi gaaffiin gara garaa ka’eef deebii barbaachisaa fi yaadi hooggansaan erga irratti kennameen booda karoora ka’umsaa bara 2017 sirriiti bilchaachuu waan qabuuf Daarikteeronni raawwataa isaan bira jiru wiixata irraa jalqabdanii leenjii karoora bu’aa irratti xiyeeffatu kana irratti leenjii kennuudhaan qindeessitoonni karoora ka’umsaa Qopheessuun hooggansaaf akka dhiyeessitan waan ta’uuf irra deddeebi’aa dubbisaa, irratti qophaa’aa yeroo gabaabaa keessatti xumuraa keessaa ba’aa, jechuudhaan hojjetaan dhuunfaa kan dhuunfaa qopheeffachuudhaan torbee lama keessatti dhimma kana gudunfinee keessaa ba’uun hojii biraatti cehuu qabna jechuudhaan kallattiin xumuraa kennamee leenjiichi xumuramee jira.