Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Gabaasa Raawwii Hojii Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa kan Daayirektoreetii Hariiroo Hawaasaa kan Baatii 10 bara 2016.

Marsaa 1ffaa

Qabeenyaa mootummaa Gorsaa fi falmiin deebsiisuu
A. Qabeenyaa mootummaa Gorsaan Deebsifamee
Bara kana Qabeenyaa mootummaa qisaasame ala jiru gorsaa fi falmiidhaan deebsiisuuf sochiiwwaan adda addaa sadarkaa Naannoo hanga aanaatti cimnaan gaggeeffama ture jira. Haala kanaanis qabeenyaa mootummaa qisaasame ala jirugorsaan deebsiisuuf dursa qabeenyaa mootummaa qisaasame ala jiru Manneen hojii mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaa irraa adda baafachuun qamoolee mootummaa qabeenyii isaani qisaasame ala jiru waliin ta’uun qaamoolee qabeenyii kun harka jiru waamuun gorsuu fi marsiisuun akka qabeenyaa kana deebsiisan tasiifama ture jira.
Akkasumaas, duula qabeenyaa mootummaa deebsiisuu marsaa afuri labsuun karoorii qopha’ee akkaataa karoora qophaa’een qindoomna cima manneen hojii mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaa waliin uumuun hojiin karaa duulaatiin qabeenyaa mootummaa deebsiisuu cimaa sadarkaa naannoo hanga aanaatti tasiifama ture jira.
Gama kanaan hojiin Biiroo Maallaqaa, Mana Hojii Odiitara muumichaa, Baankii Siinqee fi Ejeensii Babali’inaa Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa fi caasaa isaanii sadarkaan jiranii; akkasumaas caasalee bulchiinsa sadarkaan jiran waliin ta’uun qabeenyaa mootummaa qisaasame ala jiru deebsiisuuf tasifama turee fi jiruun qabeenyii mootummaa hedduun akka deebi’uu tasifamee jira.
Halumaa kanaan bara kana keessatti hojii gorsaa fi mariisisuutiin qarshii biliyoona 1.8 deebsiisuuf karoorfannee hojii baldhaa hojjetameen qabeenyaa mootummaa qisaasame ala jiru keessaa sadarkaa naannootti qarshii 721,025,044, sadarkaa Godinaalee fi Aanaaleetti qarshii 7,611,636,272 walumaa galaatti qarshiin Biliyoona 8.33 mootummaaf gaalii akka ta’uu tasifamee jira.
Maallaqaan alaatiis qabeenyii mootummaa seeraan ala namoota dhuunfaa harka turan konkolaataa 1, sheed IMX 9, Motoora gosa adda adda 55, Laptoppii 43, Lafaa heektaara 2,278.4, nagahee addaa addaa heddumnaan akka gara mootummatti deebi’uu ta’eera.
Qabeenyaa mootummaa gorsaan deebsiisuuf hojjii hojjetamaa jiru kanaan Manneen Hojii Mootummaa fi Dhaabbilee Misooma Mootummaa wajjiin qindoominaan hojjechuun, wajjiin karoorsuun ,wajjiin raawwachuu fi bu’aa madaaluun hangam murteessaa akka ta’e godinaalee fi aanaalee hedduu keessati muuxannoo guddaan argameera. Akkasumaas, Qindoominaa fi xiyyeeffanaadhaan yoo hojjetame bu’aa guddaan akka argamu muuxannoon horatamee jira.
Halumaa kanaan bara kana Biiroo Maallaqaa fi Baankii Siinqee waliin sanadiin walhubannoo mallatteessuun qabeenyaa mootummaa qisaasamee ala jiru xiyyeeffannoon deebsiisuuf sochii gudda tasifamaa jira.