Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Baga Nagaan Dhuftan!

Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Haqaan Haqaaf Hojjenna!

Haqaaf Haqaan hojeenna!

Ergama ,Mul'ataa fi Duudhaalee

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Aangoo fi Gahee hojii isaaf kenname galmaan gahuuf ergama,mul’ataa fi duudhaalee ofiisaa kaawwatee hojjietaa jira.

Ergama

Naannoo Oromiyaa keessatti namoota heeraa fi seera darbanii fi gocha yakkaatiin shakkaman seeratti dhiyeessuun murtii saffisaa fi haqa qabeessa ta’e itti kennisiisuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatichaa eegsisuu,dantaa hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa kabachiisuu, ragaa seera qabeessa ta’e galmeessuu, hubannoo seeraa hawaasichaa gabbisuu, seerotni sadarkaa isaanii eegataniifi heera mootummaan walsiman akka wixineeffamanii fi bifa walfakkaatuun hojii irra akka oolu taasisuu.

Mul'ata

Bara 2017tti naannoo Oromiyaa keessatti tajaajila Abbaa Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuun sirna haqaa amantaa uummataa horate uumuu dha.

Duudhaalee

  • Olaantummaa seeraa
  • Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu
  • Bilisummaa Ogummaa
  • Itti gaafatamummaa
  • Iftoomina
  • Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu
  • Fakkeenyummaa
  • Hirmaachisummaa
  • Tajaajila gahumsa qabu kennuu
  • Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
  • Beekumsaa fi amantaan hogganuu
  • Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
  • Aadaa gareen hojjachuudha.